Nageellee Arsii 3 – 0 Dirre Dhawaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 31ffaan Nageellee Arsiin Dirre Dhawaa injifachuun morkii waancaa cimsate.

Galchiiwwan Daawiit Tafarraa, Daawiit Mallasaa fi Kabbee Buzunaan galchaniin Nageellee Arsiin galchii 3 fi 0’n Magaalaa Dirre Dhawaa injifateera.

Tapha biroon Madin Itiyoophiyaan galchii 2 fi 1’n Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa injifateera.

Taphoota hanga torbee 31ffaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Nageelleen qabxii 51’n sadarkaa 2ffaa fi Machaal qabxii 49’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Bunni Sidaamaa taphoota lamaan darban walitti aansuun injifatamuu, Machaal ammoo taphoota lamaan darban qabxii qoodachuu hordofee Nageellee Arsiin sadarkaa isaa gara 2ffaatti fooyyeffachuun garaagarummaa qabxii Buna Sidaamaa waliin qabus gara 4tti dhiphifateera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment