Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti namoonni dhuunfaan maqaa Waajjira Galiiwwanii kutaa magaalichaan dhaabbilee daldalaa waliin dhahaa turan to’atamaniiru.
Shakkamtoonni kunneen dhaabbilee Daldalaa aanaa Tullu Diimtuutti argamanirra naanna’uun gurgurtaa nagahee malee raawwatan jechuun addabbiin Birrii kuma 100 akka isaan eeggatu sodaachiisun, Birrii kuma 50 isaaniif akka kaffalan gaafachuun yakka waliin dhahuu raawwachaa turuu ibsame.
Eeruu hawaasarraa argameen Poolisiin namoota kanneen to’annoo jala oolchuu eerame.
Shakkamaan maqaan isaa obbo Mitikkuu Gaaddisaa jedhamu maqaa sobaa Ayyalaa Xilahuun, akkasuma obbo Geetahuun Dachaasaa kan jedhamu maqaa sobaa Admaasuu Kabbadaa jedhuun eenyummaa isaanii jijjiirataiin yakka kana wayita raawwataman to’atamaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa