Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti dargaggoon mana maxxansaa qabu Birrii Noottii abba 200 maxxansaa turee eeruu hawaasan harkaaf harkatti qabameera.
Dargaggoon mana maxxansaa ganda Calalaqii keessatti qabu Birrii sobaa maxxansaa akka jiru eeruu hawaasa irraa argameen harkaaf harkatti qabamuu qajeelchi Poolisii magaalichaa ibseera.
Birriin sobaa kumni 33 fi 600 shakkamaa waliin qabamuu ibsame.
Poolisiifi abbaan alangaa waliin ta’uun qorannoo dabalataa eegaluu eerame.
Birriin sobaa manxafamaa tures hawaasa keessa tatamsa’ee waan jiruuf hawaasni yeroo bittaafi gurgurtaa gaggeessu of eeggannoo taasisuu akka qabus dhaamameera.
Galaanaa Tasfaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa