Finfinnee, Fulbaana 5, 2018(FMC) – Obbo Isaayaas Jiraan Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Yaa’ii idilee 18ffaa Federeeshinichaa har’a geggeeffame irratti sagalee 81 argachuun filatamaniiru.
Haaluma kanaan obbo Isaayaas waggoottan arfan itti aanan dabalatee Federeeshinicha waggoota 12f Pireezidaantummaan kan geggeessan ta’a.
Miseensota yaa’ichaa sagalee kennuu danda’an 99 keessaa 11 yaa’ii haraa kana irratti hin argamne.
Komishinar Alamuu Magiraan ammmoo pireezidaantii itti aanaa ta’uun Federeeshinicha kan geggeessan ta’uun beekameera.
Akililuu Maareetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia