Paappee Tiyaawu leenjisummaa irraa gaggeeffaman

Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)- Leenjisaan garee biyyaalessaa Seeneegaal Paappee Tiyaawu leenjisummaa irraa gaggeeffamaniiru.

Seeneegaal tapha mo’anii darbuun Beeljiyeemiin injifatamuun dorgommicha keessaa bahuun kan yaadatamudha.

Leenjisichi gahumsa gadi aanaa tapha waancaa addunyaa irratti agarsiisaniin leenjisummaa irraa gaggeeffamuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Biyyattii ibseera.

Pireezidaantiin federeeshinichaa gaggeeffamuu Paappee Tiyaawu fi murtoowwan gara fuula duraarratti guyyaa boruu ibsa akka kennu ‘The Athletic’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment