Paatrik Viyeeraan Leenjisaa Garee Biyyaalessa Seeneegaal Ta’uun Muudame

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Leenjisaan lammii Faransaay Paatrik Viyeeraan leenjisaa garee biyyoolessa Seeneegaal ta’uun muudameera. Leenjisaan ganna 50 Paatrik Viyeeraan waliigaltee waggaa afurii kan garee biyyoolessaa Seeneegaal waliin isa tursiisu mallatteessee jira.

Viyeeraan Waancaa Afriikaa bara 2027 irratti garee biyyaalessaa kana gara xumuraatti geessuufi Waancaa Addunyaa bara 2030f dabarsuutu irraa eegama.

Paatrik Viyeeraan kanaan dura kilaboota akka Niwuyork Siitii, Niis, Kiristaal Paalaas, Sitraasburg fi Jiinoo’aa leenjisuun isaa ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment