Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) –Pirezidaantiin Rippaabilika Giddugaleessa Afrikaa Faawustiin Tuuwaadeeraan Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pirezidaanti Faawustiin Tuuwaadeeraan wayita buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan simatamaniiru.
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree ‘Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaa eegame mirkaneessuu, Milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’f’ jedhuun gaggeeffama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.