Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) – Piriimar Liigiin Ingilaand bara dorgommii 2026/27 har’a galgala sa’aatii 4:00 irratti, tapha Shaampiyoonaa bara darbee Arsenaal fi Koovantirii Siitii gidduutti gaggeeffamuun jalqaba.
Bara dorgommii darbee waancaa liigichaa kan mo’ate Kilabni Kaaba Landan Arsenaal, waancaa liigichaa walitti aansee lammaffaaf moo’achuuf, kilabicha Koovantirii Siitii kan leenjisaa Firaank Laampaardiin hogganamu, waliin taphachuun imala isaa jalqaba.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan garee isaa cimsuuf yeroo foddaa dabarsa taphattoota akka Biruunoo Gumeeresh, Kiriistoos Sooliis fi Ezirii Konsaa gara garee isaatti makuun beekameera.
Gama biraatiin Maanchistar Siitiin leenjisaa isaa Peep Gaardiyoolaa waliin erga addaan bahee booda, gorsaa isaa duraanii Enzoo Mareskaa jalatti boqonnaa haaraa jalqaba.
Siitiin taphattoota haaraa, Eliyoot Andarsan dabalatee, mallatteessisuun dorgommii cimaa itti fufsiisuuf qophaa’eera.
Liivarpuul ammoo taphattoota isaa ijoo keessaa Mahaammad Saalaah dabalatee hedduu waliin erga addaan bahee booda, leenjisaa Andoonii Iraa’olaa jalatti bara dorgommii haaraa jalqaba.
Maanchistar Yuunaayitid kan leenjisaa Maayikil Kaariikiin hogganamu, fooyya’iinsa bara dorgommii darbe jalqabe itti fufsiisuuf, taphattoota muuxannoo liigichaa qaban dabalatee gara dorgommichaatti deebi’a.
Bara dorgommii darbee yeroo dadhabaa kan dabarse Kilabni Lixa Landanitti argamu Chelsiin, leenjisaa haaraa Jaabii Aloonsoo jalatti sadarkaa gabatee liigichaa irratti ol ka’uun dorgommii cimaa akka geggeessu eegama.
Torban jalqabaa keessatti, Hal Siitii fi Maanchistar Yuunaayitid, Niwukaasil Yuunaayitid fi Liivarpuul, Fulhaam fi Chelsii, akkasumas Manchistar Siitii fi Boornimaawuz gidduutti taphawwan hawwii guddaan eegaman ni gaggeeffamu.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia