Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 34ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Itiyoo Elektiriikii keessummeessa.
Sa’aatii 10:00 jalqabee Istaadiyeemii Finfinneetti Walaayittaa Diichaan Nageellee Arsii waliin morkata.
Akkasuma waaree booda 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Midira Gannat Shireen Hadiyyaa Hoosa’inaa waliin taphatu.
Sa’aatii 12:00 Istaadiyeemuuma kanatti Faasiil Shaggar waliin falmata.
Bunni Sidaamaa qabxii 58’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 52’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Aarbaa Minci qabxii 32’n, Maqalee 70 Indaartaan qabxii 34 fi Dirre Dhawaan qabxii 35’n kilaboota sarara gadii keessa jiraniidha.
#Oromia #Ethiopia