Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa Piroojektii Maaster Pilaanii sirna raabsa humnaa qorachiise ifoomse.
Fedhii dhiyeessii anniisaa guddachaa dhufeef deebii madaalu kennuuf rakkoolee Neetworkii karaa qindaa’een furuuf hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajilichaa Injinar Geetuu Garramoon ibsaniiru.
Qorannoon gaggeeffames fedhii amma jiruu fi waggoottan 25’n itti aanaan bu’uura kan godhate ta’uu eeran.
Qorannichi Maallaqa deeggarsa Baankii Addunyaarraa argame Yuuroo miiliyoona 4.7’n gaggeeffamuu kaasan.
Qorannicha guutummaatti hojiirra oolchuuf baasii Doolaara biiliyoona 30.65 kan barbaachisu ta’uu dubbatan.
Wandimmuu Addunyaatiin
#Oromia #Ethiopia