Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC)- Tapha Waancaa Addunyaa 23ffaa gaggeeffamaa jiruun taphi mo’anii darbuu har’as itti fufee taphatama.
Halkan sa’aatii 4:00 irratti Ispeen Ostiriyaa waliin ni taphatti.
Halkan sa’aatii 8:00 irratti immoo Poorchugaal Kirooshiyaa waliin ni taphatu.
Gareen lamaan ramaddii isaaniirraa sadarkaa 2ffaa qabachuun mo’anii darbuutti makamuun isaanii ni yaadatama.
Gama biraatiin Siwizerlaandi Aljeeriyaa waliin ganama sa’aatii 12:00tti wal argu.