Qabeenya ummataa haala adda addaan qisaasa’e Birrii biiliyoona 8.6 deebisiisuun danda’ame – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, gabaasa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii dhiyeessaniiru.

Galmee dhimma yakkaa qorannoon xumuramee murtiif dhiyaate kuma 41 fi 166 keessaa kuma 60 fi 229 irratti himanni dhiyaachuu ibsan.

Dandeettiin qulqulleessuu abbaa Alangaa galmee qormaata dhimmoota yakka gosa hundaa % 97.8 fi dandeentiin namoota yakkaan himataman adabsiisuu abbaa alangaa % 98.2 irra gahuu himan Pireezidaanti Shimallis gabaasa dhiyeessaniin.

Qabeenya malaammaltummaan argame bu’uura seeratiin dhorkisiisuu, qorachuu fi deebisiisuu hojjetameen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 ol ta’u dhorkamuu eeruun, qabeenyi Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 31 fi kuma 800 ta’u deebisiisuun danda’amuu dubbatan.

Gama biroon qabeenya ummataa haala adda addaan qisaasa’e Birrii biiliyoona 8.6 marii fi gorsaan, akkasuma falmiidhaan deebisiisuun akka danda’ame kaasan.

Akkasuma himannaa haqa malee mootummaarratti dhiyaate falmuun Birrii biiliyoonni 7.4 kaazinaa mootummaa keessaa bahee nama haqa hin qabneef akka hin kaffalamne ittisuun danda’ame jedhan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment