Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan qophaa’ummaa ‘Shaampiyoonshiippii Altimeet’ 2028 fi Shaampiyoonaa Addunyaa 2031 keessummeessuuf qabdu hoggantoota Federeeshinii Atileetiksii Idil-addunyaaf mirkaneessiteetti.
Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Idil-addunyaa Joon Reediriigoo fi Daayrektara Calbaasii dorgommiiwwan Ispoortii Maark Hirast waliin mari’ataniiru.
Marichi gaaffii Itiyoophiyaan ‘Shaampiyoonshiippii Altimeet’ 2028 fi Shaampiyoonaa Addunyaa 2031 qopheessuuf dhiyeessite irratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.
Shawiit Shaankaa wayita kana Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kanneen dabalatee dorgommiiwwan Ispoortii idil-addunyaa biroo qopheessuuf dandeettii qabaachuu eeran.
Mootummaan dorgommiiwwan Atileetiksii qopheessuuf fedhii olaanaa qabaachuus ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Federeeshinii Atileetiksii Idiil-addunyaa Joon Reediriigoo gama isaaniin, kutannoo mootummaan Itiyoophiyaa taateewwan Ispoortii qopheessuuf agarsiiseef galateeffataniiru.
Mariin boodas Istaadiyeemii Adey Ababaa fi bu’uuraalee misoomaa Ispoortii Finfinneetti argaman biroo akka daawwatan ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia