Finfinnee, Adoolessa 9, 2018 (FMC) – Karaa Mooyaaleen Itiyoophiyaa seenuun garee shororkeessaa shaneef darbuuf kan turan Raadiyoowwan qunnamtii to’ataman jedhe Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa.
Tajaajilichi sosochii seeraan alaa kana karaa teeknooloojiin deeggarameen hordoffii cimaa taasisaa turuu ibse.
Raadiyoowwan qunnamtii garichaaf darbuuf turan hedduun shakkamtoota 2 waliin to’atamuun qoratamaa jiraachuu hime.
Garee shororkeessaa shanee Godina Arsii Lixaa keessa socho’uuf dabarfamuuf adeemsarra kan turan Raadiyoowwan qunnamtii 98 chaarjessa isaanii waliin Tajaajilichii fi qaamoleen nageenyaa Naannoo Oromiyaa qindoominaan Ebla 12, 2018 to’annoo jala oolchuunis kan yaadatamuudha.