Raayyaan Ittisaa biyyaaf gootummaan dhaabbachuu cinatti, hojiiwwan misoomaarrattis gumaacha olaanaa kennaa jira

Finfinnee, Adooleessa 20, 2018 (FMC) – Raayyaan Ittisaa Biyyaa kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa eeguuf gootummaan dhaabbachuu bira darbee, hojiiwwan misoomaa fi tola ooltummaa irratti gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Ajajaa Itti Aanaan Dhimmoota Oopireeshinii Ajaja Bahaa Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaa.

Hoggantoonni olaanoon Ajaja Bahaa fi Ajaja Kaaba Lixaa akkasumas miseensonni raayyaa Magaalaa Bahir Daar Kaampii Makooditti argamuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeessaniiru.

Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaan yeroo kanatti akka dubbatanitti, jaalala biyyaaf qabu hojiin agarsiisaa kan jiru Raayyaan Ittisaa, bakka bobba’e hundatti dirqama isaatti kenname gahumsa olaanaa fi gootummaan bahachaa jedhan.

Raayyaan kun Itiyoophiyaa weerartoota alaa fi humnoota badii keessaa irraa eeguu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jirus hubachiisan.

Kana cinattis, hojiiwwan eegumsa naannoo fi fayyadamummaa uummataaf hojjetaman keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa har’a gaggeeffames kutannoo misoomaa kana kan mirkaneessu ta’uu eeranii, dhaabbiin biqiltuu nageenya cimsuu, naannoo magariisaa uumuufi egeree ifa ta’e Itiyoophiyaaf ijaaruurratti gahee olaanaa qaba jedhan.

“Raayyaan keenya yeroo hunda nageenyaa fi misoomaaf qophaa’aa dha” kan jedhan Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaa, fuuldurattis dirqama biyyaaf qabu cinatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa caalaatti cimsuun akka itti fufu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment