Raayyaan Ittisaa fedhii diinota Itiyoophiyaa fashaleessaa jira- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Raayyaan Ittisaa fedhii isaanii fashaleessaa jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.

Akkaadaamiin Loltummaa Itiyoophiyaa mooraa Akkaadaamichaa Hoolataatti argamutti qondaaltota kaadhimamoo marsaa 71ffaa koorsii Matammaa eebbisiiseera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa wayita kana naannawaa Baha Afrikaatti kan argamtu Itiyoophiyaan bara baraan diinota seenaan qoramaa turteetti jedhan.

Dabni diinota seenaafi baandotaan hojjetame miidhaa hin qaqqabsiifne jedhamuu baatus gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa shira badii kana gootummaan fashaleessaa jira jechuun ibsaniiru.

Eebbifamtoonni Akkaadaamii Loltummaa Itiyoophiyaas injifannoo boonsaa kana itti fufsiisuuf bara baraan biyya isaaniif wareegama kaffalaa akka jiran kaasaniiru.

Akkaadaamichi Giddugala loltummaa qondaaltota gootota Itiyoophiyaaitti fufsiisan kan horate ta’uu kaasanii, Akkaadaamichi sirna barnootaa isaa beekumsa ammayyaan fooyyessuufi ammayyeessuun piroofeeshinaaliizimii dhaabbataichaaf haala mijataa uumuu eeraniiru.

Beekumsi leenjitoonni argatan kan cimu kutaa waraanaa makamanitti muuxannoofi beekumsa qabatamaa argataniin ta’uu eeranii, beekumsa gonfatan hojiitti hiikuu akka qaban hubachiisuu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment