Raayyichi deeggarsa nageenya naannawichaaf taasisu cimsee itti fufa- Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa deeggarsa nageenyaafi tasgabbii naannawichaaf taasisu cimsee itti fufa jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ergamaa Addaa Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi Soomaaliyaatti Ajajaa Olaanaa Ergama Deeggarsaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa(AUSSOM) Ambaasaaddar Eel Hajii Ibraahim Diinee waliin mari’ataniiru.

Deeggarsa Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayituma kana ibsaniiru.

Ambaasaaddar Eel Hajii Ibraahim Diineen gama isaaniin, gahee Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa ergama ‘AUSSOM’ hojiirra oolchuuf bahachaa jiru dinqisiifataniiru.

Marichaan qaamoleen lameen nageenya Somaaliyaafi Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf tumsaan hojjechuuf waliigaluu ragaan ‘AUSSOM’ ni mul’isa.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment