Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo mana jireenyaa uummataa furuuf akkaataa dandeettiifi humna hawaasichaa giddugaleessa godhateen xiyyeeffannaa olaanaan hojjetaa jira.
Filannoowwan jiran keessaas manneen qusannaa isa tokko.
Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa manneen qusannaa 300 bara 2018 kana baajata Bulchiinsa Magaalichaatiin ijaarsise guyyaa borii eebbisiisuun tajaajilamtootaaf dabarsee kenna.
Pirojektiin manneen qusannaa kun hojii namooma giddugaleeffatee fi rakkoo mana jireenyaa hawaasaa furuuf kan hojjetaman ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia