Rakkoon nageenyaa Oromiyaa akka hammaatu kan taasise dhimma keessooti – Obbo Kaffalew Tafarraa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Rakkoon nageenyaa Oromiyaatti mudate akka hammaatu kan taasise dhimma keessooti jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffalew Tafarraan

Obbo Kaffalew Tafarraan yaadaa fi Gaaffii miseensonni Caffee dhiyeessaniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Rakkoo dhimma keessoon walqabatee jiru hiikuuf hojiin qulqulleessuu hawaasa waliin qindoominaan hojjetamaa turuu fi ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Finxaaleyyii daangaa ce’uun ummata dararaan irratti tarkaanfii cimaan fudhatame gaarii ta’uu eeruun, ammas cimee itti fufa jedhan.

Hidhattoonni karaa nagaan galan kuma 10 ol ta’an leenjii fudhachuun hojiirratti bobba’uu ibsan.

Rakkoo jiru mariin furuuf hojiin eegalame kan itti fufu ta’uu kaasanii, kan daandii badii filatanirratti tarkaanfii fudhachuun caalmaatti cimee itti fufa jedhan.

Dhiibbaa qaala’insa jireenyaa salphisuuf tarkaanfileen sirreeffamaa fudhatamaa jiraachuu himuun, hojiilee hojjetameenis bu’aan argamuu dubbatan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment