Roodriin Baarseloonaatti makame

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) — Taphataan sarara gidduu lammiin Ispeen Roodriigoo Heernaandez, Roodrii jedhamuun beekamu, Baarsaloonaatti makameera.

Roodriin waggoota torba Maanshester Siitii keessatti dabarseen, Shaampiyoons Liigii Awurooppaa tokkoo fi waancaa Priimarii Liigii Ingilizii afur dabalatee, waancaa hedduu kilabicha waliin mo’ateera.

Badhaasa Baaloon Do’orii kan mo’ate Roodriin, waliigaltee Baarsaloonaa waliin hanga bara 2030tti isa tursiisu mallatteesseera.

Duraan Viyaariyaal, Atileetikoo Maadriidii fi Maanshester Siitii keessa kan taphate taphataan kun, leenjisaa Baarsaloonaa Haansii Filiikii jalatti humna milkaa’inaa dabalataa ta’a jedhamee eegama.

Abeel Niwaayiin

Comments (0)
Add Comment