Roonaaldoon yeroo jalqabaaf Shaampiyoonaa Liigii Saa’udii ta’uufi

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Liigii Proo Saa’udii keessatti bara dorgommii 4ffaa dabarsaa kan jiru Kiristiyaanoo Roonaaldoon yeroo jalqabaaf Shaampiyoonaa Liigichaa ta’uuf fiixerra gaheera.

Dursaan liigichaa Al Naasir har’a falmiin morkataa isaa Al Hiilaal waliin taasisu ni eegama.

Al Naasir tapha har’a halkan sa’aatii 3:00 eegalee taphatamu kana yoo injifate shaampiyoonaa bara dorgommii 2025/26 ta’uu isa mirkaneeffata.

Liigichaan sadarkaa 2ffaarratti kan argamu Al Hiilaal gama isaan falmii har’aa kana mirgaan gale taanaan carraa Waancaa liigichaa ofiin kan murteeffatu ta’a.

Morkii kanaan falmiin Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Kaariim Beenzeemaa gidduutti taasifamu ni eegama.

Al Naasir deeggartoota gara Istaadiyeemii dhufan hundaaf hidhannoo Ispoortii kilabichaa bilisaan kennuuf qophaa’eera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment