Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Sagantaan Koodaroota miiliyoona 5 Adoolessaa 16, 2016 leenjiiwwan bu’uuraarratti xiyyeeffachuun eegale.
Leenjiwwan bu’uuraa xinxaala odeeffannoo, misooma sooftiweerii Andirooyidii, sagantaa Kompiyuutaraa fi hubannoo namtolcheerratti leenjii kennuuf kaayyeffatameeti hojiitti galame.
Sagantaan kun leenjitoota ogummaa diijitaalaa gonafachiisuurra darbee guddina diinagdee diijitaalaa biyyattii saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti barsiisaan Bulchiinsa Daldalaa (Biiznas Maanaajimantii) Dooktar Tasfaayee Kaffaaleen.
Kana malees dargaggoota hedduu teeknooloojii fi dandeettii diijitaalaa adda addaatiin leenjisuun humna namaa diijitaalaa ijaara jedhan.
Dargaggoonni leenjii kana fudhatan beekumsaafi ogummaa argataniin hojii akka uummataniifi dhaabbilee teeknooloojii garaagaraa keessatti akka hirmaataniif carraa kan uumuuf ta’uus eeran.
Kunis carraa hojii babal’isuun rakkoo hojii dhabdummaa hir’isuuf gumaacha qabaachuu kaasan.
Akkasumas, dargaggoonni biyya keessa taa’anii karaa oonlaayinii dhaabbilee biyyoota garaagaraa waliin hojjechuu akka danda’an eeruun, kunis sharafa alaa argamsiisuu, galii uumuu fi dandeettii Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa keessatti cimsuuf gumaacha guddaa akka qabaatu ibsan.
Sagantaan koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 gara diinagdee beekumsa irratti hundaa’eetti ce’uuf tarkaanfii murteessaadhas jedhaniiru.
Sagantaa kanaan hanga ammaatti leenjitoonni miiliyoonni 5 fi kumni 5 fi 146 leenjicha fudhachuuf yoo galmaa’an, miiliyoonni 3 ol leenjicha xumuruu torban dura ifoomuun kan yaadatamu.
Hanga Baatii Adooleessa 2018’tiitti lakkoofsa leenjitootaa miiliyoona 7 qaqqabsiisuun galma qabame milkeessuuf lammiileen Itiyoophiyaa hundi qaama galma biyyaalessaa akka ta’an Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessuun kan yaadatamudha.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia