Sagantaan ashaaraa magariisaa sirnaan hogganamuun isaa bu’aa qabeessa taasise – obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2018 (FMC) – Sagantaan ashaaraa magariisaa sirnaan hogganamuun isaa bu’aa qabeessa taasiseera jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.

Sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 8ffaan mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sagantaan kun har’a magaalaa Finfinneetti ifatti eegalameera.

Magaalaan Finfinnee sadarkaa idil addunyaatti dorgomtuu ta’uuf sarara amma irra deemaa jirtu dhalootaaf ceesisuuf hirmaannaan hundaa murteessaa ta’uu ibsan obbo Aganyahu Tashaagar saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Sosochiin biyyaalessaa kun bifa qindoomina qabuun hojjetamuun isaa caalmaatti bu’aa qabeessa taasisuu eeruun, kanaanis beekamtii idil addunyaa argachuu kaasan.

Hojiilee misooma magariisummaa fi miidhaqsuu hojjetteen Finfinneen sadarkaa Afrikaatti fakkeenya ta’aa dhufuu himan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment