Sagantaan eegalchiisa imala Hajjii 1447ffaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC) –Sagantaan eegalchiisa imala Hajjii 1447ffaa gaggeeffameera.

Waggoottan darban hojiilee bal’aa hojjetamaniin yeroo ammaa Hujjaajjawwan balallii qofaaf kallattiin mana isaanii akka bahan taasisuun danda’amuu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaan ibsaniiru.

Dhaabbata dhiyeessa Tajaajila Saa’udii waliin mari’achuun tajaajilichi biyya keessatti akka kennamu taasifameera jedhan.

Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti Hojii raawwachiisaan olaanaan damee Daldalaa Lammaa Yaaddessaan gama isaaniin, daandiin qilleensicha wayita imala hajjii imaltootaaf tajaajila si’ataa fi fooyya’aa ta’e kennuuf xiyyeeffannoon hojjechuu ibsan.

Waggoota tokko keessa tajaajila balallii hajjii kennamaa turuu kaasuun, imala bara kanaa ammoo caalmaatti fooyya’aa fi guutuu taasisuuf qophoofneerra jedhan.

Imala bara kanaaf imaltoonni kumni 6 kan galmaa’aan yoo ta’u, balalliin bara kanaas har’a halkan eegalama jedhame.

Jamaal Ahimadiin.

Comments (0)
Add Comment