Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Sagantaan jila garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaa irratti hirmaateef badhaasaafi beekamtii kennuu gaggeeffameera.
Sagantichaan Atileetotaafi leenjistoota meedaaliyaa argamsiisaniif badhaasni maallaqafi waraqaan ragaa kennameera.
Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Silashii Sihiin wayita kana bu’aan Gaanaa Akiraatti galmaa’e kun xiyyeeffannoon yoo hojjetame jijjiirama fiduun akka danda’amu agarsiisa jedhan.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Atileetiksii fooyya’aa dhufes bu’aa gaarii galmeessisaa akka jiru eeraniiru.
Yeroo itti aanutti bu’aa fooyya’aan akka argamuuf Federeeshinichi Atileetota, leenjistootaafi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
Daani’eel Indaaleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia