Seenaa qabeessummaa Marichaa…

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Rakkooleen walxaxaan siyaasaa fi hawaasummaa baroota dheeraaf Itiyoophiyaa keessa turan guyyaa tokkotti kan uumaman miti; guyyaa tokkottis furamuu hin danda’an.

Madaa seenaa durii fayyisuu, komiiwwan waggoota dheeraaf kuufaman sirreessuu fi caasaa hawaasummaa laafee jiru deebisanii cimsuun adeemsa yeroo dheeraa, obsaa fi tattaaffii biyyaalessaa guddaa kan gaafatuudha.

Yaa’iin marii biyyaalessaa tibbana milkaa’inaan xumuruun isaa beeksifame, seenaa Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa guddinaa olaanaa tokko ta’ee galmaa’a.

Waltajjiin kun aadaa siyaasaa biyya keenya keessatti rakkoolee marii furuu caalaa yeroo dheeraaf humnaa fi qawwee fayyadamuun furmaata barbaaduuf baratameef, ergaa murteessaa fi seena qabeessa “furmaanni waliin dubbachuu fi marii qofa”  jedhu dabarseera. Kunis injifannoo guddaadha.

Karaa nagaa kana dhalootaa dhalootatti dabarsuun itti fufsiisuu fi cimsuun itti gaafatamummaa seenaa dhaloota kanaati.

Adeemsa seenaa qabeessa kana keessatti lammiileen kumni 4 ol kallattiin hirmaataniiru.

Ajandaaleen bu’uuraa kanneen egeree fi carraa biyya keenyaa murteessan ka’anii, yaadonni furmaataa bal’aan galmeeffamaniiru.

Adeemsi kunis wal-dhabdeewwan waggoota dheeraaf turan humnaan osoo hin taane, karaa nagaa fi qaroominaan furuuf ulaa bal’aa saaqeera.

Milkaa’inni kun rakkooleen walxaxaan Itiyoophiyaa hundi yeroo tokkotti furamaniiru jechuu miti. Nagaa waaraa mirkaneessuuf, rakkoolee karaa nagaan furuu fi aadaa dimokraasii ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera jechuudha.

Walitti bu’iinsi fi wal-dhabdeewwan durii yeroo tokkotti yoo hin furamne illee, garaagarummaa yaadaa marii nagaa fi walii-galtee irratti hundaa’uun keessummeessuun akka danda’amu abdii haaraa uumeera.

Rakkooleen hafanis mariiwwan gara fuulduraatti gaggeeffamaniin akka furamaniif abdii guddaadha.

Milkaa’inni adeemsa kanaa, Itiyoophiyaanonni taa’anii waa’ee biyya isaanii irratti waliin mari’achuu akka danda’an, akkasumas maraanmartoo qabsoo  humnaa keessaa ba’anii karaa ammayyaa fi nagaa ta’een wal-amantaa uumuu akka danda’an kan agarsiisedha.

Afawarq Iyyaayyuun.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment