Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan dorgommiin fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaa har’a galgala sa’aatii 3:25 irraa eegalee gaggeeffama.
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa oolmaa guyyaa 2ffaan Atileetonni Itiyoophiyaa hedduun meedaaliyaafi xumuraaf darbuuf gara dirree seenu.
Galgala sa’aatii 1:00’tti dorgommiin utaalchoo dalgee dhiirotaa kan gaggeeffamu yoo ta’u Atileet Bulii Malaakuu Itiyoophiyaaf ni dorgoma.
Dorgommiin fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaa galgala sa’aatii 3:25 irraa eegalee kan dorgomamu yoo ta’u Atileetonni Itiyoophiyaa Gammachuu Didhaa, Hagoos Iyyoob fi Taaddasaa Warquu meedaaliyaaf eegamu.
Dorgommiin fiigicha xumuraaf darbuu meetira 400 dubartootaas galgala sa’aatii 1:15 irraa eegalee kan dorgomamu yoo ta’u, Ajaa’ibaa Aliyyuu, Gannata Ayyalaa fi Baanchaalam Bikis Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan dorgoman ta’u.
Atileet Mardookiyoos Waldee ammoo galgala sa’aatii 1:36 irratti dorgommii fiigicha walakkaa xumuraa meetira 400’n Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgoma.
Dabalataan dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira 800
galgala sa’aatii 2:20 irratti gaggeeffamurratti Atileetonni Itiyoophiyaa Habtaam Gabayyoo, Misgaanaa Hayiluufi Tigist Ayyaanaa ni dorgomu.
Warqinaa Gaashaawtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia