Shororkeessummaa qolachuuf hojimaata qindaa’aa nageenya daangaarraa cimsuu barbaachisa- Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Adoolessa 29, 2018(FMC)- Shororkeessummaa qolachuuf hojimaata qindaa’aa nageenya daangaarraa cimsuu barbaachisa jedhan Itti aanaan Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Ristuu Yirdaaw.

Jilli Itti aanaa Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Ristuu Yirdaaw’n durfamu seeminaarii farra shororkeessummaa idil-addunyaa Chaayinaa magaalaa Waayiniingitti gaggeeffame irratti hirmaateera.

Ristuu Yirdaaw wayita kana shororkeessummaan sadarkaa idil-addunyaatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Guddinni teeknooloojii diijitaalaa keessumaa hubannoo namtolchee shorokeessitootaaf badii kan ittiin karoorsan, maallaqa sassaaban, miseensota filan fi haleellaawwan gaggeessaniif oolaa akka jiru ibsaniiru.

Shororkeessummaan yaaddoo nageenyaa yeroodhaa gara yerootti walxaxaafi jijijjiiramaa dhufe ta’uus eeranii, nageenya qaamolee nageenya kabachiisanii fi hawaasa idil- addunyaa irratti qormaata ta’uus ibsaniiru.

Rakkoo kana ittisuuf tarkaanfii farra shororkeessummaa teeknooloojiin deeggarame fudhachuu, waljijjiirraa odeeffannoo fi hojimaata qindaa’aa nageenya daangaarraa cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Afrikaarraa shorokeessummaa ittisuun adda duree akka taate ibsuun, damichaan muuxannoo guddaa horachuu fi muuxannoo kana biyyoota deeggartootaaf qooduuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Seeminaariiwwan akka kanaa qorattoota, hoggantootaafi raawwachiistota addunyaa walitti fiduun bu’aalee qorannoofi muuxannoo waljijjiiruuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeruu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment