Sirni hundeeffama Mootummaa fi baniinsa Mana Maree Fulbaana 25, 2019 raawwata – Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Sirni hundeeffama Mootummaa fi baniinsa Mana Maree Fulbaana 25, 2019 raawwata jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon.

Filannoon marsaa 7ffaa Paartilee siyaasaa 42, kaadhimamtoota kuma 10 fi 438, akkasuma lammiilee miiliyoona 54 hirmaachise milkiin xumuramuu yaadachiisan obbo Taaggasaa Caafoon ergaa dabarsaniin.

Akkaataa Heera Mootummaa Keeyyata 50 muraa 3’n qaamni Aangoo Olaanaa Mootummaa Federaalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataa ta’uu fi Itti Waamamni isaas ummataaf ta’uu ibsan.

Manni Maree Haaraan xumura Baatii Fulbaanaa Wiixata jalqabaa hojii kan eegalu akka ta’e Heera Mootummaa keeyyata 58 muraa 2 jalatti tumamu kaasaniiru.

Akkaataa Heera Mootummaa Keeyyata 56’tiin Paartiin sagalee olaanaa argate Mootummaa hundeessuun qaama raawwachiiftuu gurmeessa jedhan.

Kanaafis qophiin barbaachisu hundi xumuramee Fulbaana 25, 2019 sirni hundeeffama Mootummaa fi baniinsa mana maree kan raawwatu ta’uu dubbatan.

Barrichi bara nageenyaa, fayyaa, gammachuu, jaalalaa, tokkummaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment