Finfinnee Guraandhala 13, 2018(FMC)- Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa tajaajila loojistiksii diijitaalessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Injinar Abdulbar Shamsuu Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, Itiyoophiyaa gabaa addunyaa waliin walitti hidhuun daldala alaa fi galchii saffisiisuuf hojjetamaa jira.
Kenniinsa tajaajilaa dhaabbatichaa ammayyeessuufi diijitaalessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kunis maamiltoonni bakka jiran taa’anii gatii irratti akka dubbatan akkasumas adeemsa meeshaaleen fe’aman ka’umsa irraa hanga gahumsaatti keessa darban hordofuuf dandeessisa jedhan.
Waggoota shanan dhufanitti dooniiwwan 16 bituuf karoorsuu eeranii, bara baajataa kanatti dooniiwwan 6 kan bitaman ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi daldala al-ergii fi galii biyyattii saffisiisuun ijaarsa diinagdee biyyaa keessatti qooda bahatu cimsee kan itti fufu ta’uus dubbataniiru.
Dooniiwwan Itiyoophiyaa naannawaa socho’an hundatti ambaasaaddara ta’uun biyyattii beeksisaa jiraachuu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.