Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 33ffaan taphni har’a galgala Maanchistar Siitiifi Arsenaal sa’aatii 12:30 irraa eegalee taphatan haalaan eegama.
Waggoota sadan darban dorgommiiwwan liigichaa sadarkaa 2ffaan kan xumure Arsenaal bara dorgommii kanatti imala waancaa’f taasisu cimsachuuf morkata.
Gareewwan lameen dorgommiiwwan hundaan taphoota shanan darban waliin taphataniin tapha tokko tokko yoo injifatan kanneen hafan qixa bahaniiru.
Taphoota liigichaa biroon sa’aatii walfakkaataa sa’aatii 10:00 irraa eegalee Nooteengaam Foorest Barniileey waliin akkasumas Astoon Viilaan Sandarlaand waliin ni taphatu.
#Oromia #Ethiopia