Tapha waancaa Kaaraabaa’oon morkiin Maanchiister Yuunaayitiid har’a Biraayitan waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Tapha marsaa 3ffaa waancaa Kaaraabaa’oon morkiin Maanchiister Yuunaayitiid har’a Biraayitan waliin taasisu ni eegama.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Maanchiister Yuunaayitiid Oldi Tiraafoorditti bara kana ga’umsa gaarii agarsiisaa kan jiru Biraayitan waliin morkata.

Maanchiister Yuunaayitiid taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi bara kana taphate 4 irraa qabxii 4 qofa walitti qabachuun sadarkaa 13ffaarratti kan argamu yoo ta’u, Biraayitan qabxii 7 walitti qabchuun sadarkaa 5ffaa qabateera.

Kan tapha har’aa kana injifate tapha Waancaa Kaaraabaa’oo marsaa 4ffaaf darbuu mirkaneeffata.

Sa’aatuma walfakkaatuutti taphoota Piriimeer Liigii Ingilandii bara kanaan taphoota 4 hanga ammaatti taphateen qabxii tokkooyyuu kan hin arganne Kooventarii Siitiin taphoota arfan darbanirraa qabxii 1 qofa kan milkeesse Astoon Viilaa waliin falmata.

Taphoota kana dursee halkan sa’aatii 3:45 jalqabee Eevartan Woolviis, Fileetwood Taawoon Sheefiild Yuunaayitiid waliin taphatu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment