Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaan torbee 6ffaa har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) –Taphoonni CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaan torbee 6ffaa tapha har’a Qidduus Giyoorgiis Hadiyyaa Hoosa’inaa keessummeessuun eegalamu.

Har’a Waareea booda sa’aatii 9:30 eegalee Qidduus Giyoorgis Istaadiyeemii Finfinneetti Hadiyyaa Hoosa’inaa waliin morkata.

Akkasuma waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Yuunivarsiitiin Walwaalloo Addigiraat Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Machaal waliin taphata.

Nageellee Arsiin qabxii 11’n liigichi yoo dursu, Machaal qabxii 10’n sadarkaa 2ffaa fi Walaayittaa Diichaan qabxii 8’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.

Comments (0)
Add Comment