Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) – Ji’i Nageenya Saayibarii 7ffaan sadarkaa biyyaalessaatti Onkololeessa 1, 2019 irraa eegalee akka kabajamu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksise.
Daayirektarri Olaantuun bulchiinsichaa Tigist Haamiid ibsa kennaniin, ji’i nageenya saayibarii mata-duree “Lammii dammaqaa, biyya nageenyi ishee eegameef” jedhuun akka kabajamu eeraniiru.
Itiyoophiyaatti itti fayyadamni teeknooloojii saffisaan guddachaa dhufuu hordofee, haleellaan saayibarii lammiilee, dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa murteessoo irratti raawwatamu sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuu kaasaniiru.
Kanaafuu, ji’i kun hubannoo nageenya saayibarii dhaabbilee fi hawaasaa guddisuun, dhimmichaaf xiyyeeffannoo barbaachisaa akka kennan, akkasumas ofirraa ittisuu akka danda’aniif gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Keessumaa, tarsiimoo biyyaalessaa “Itiyoophiyaa Dijiitaalaa Nageenya Qabeessa 2030” hojiirra oolchuuf taasifamu deeggaruun kaayyoo ijoo duula kanaa ta’uu eeraniiru.
Daayirektarri Olaantuun kunis, Ji’i Nageenya Saayibarii bara kanaa irra caalaa eegumsa daa’immanii gama interneetii irratti xiyyeeffachuun akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Dabalataanis, nageenya saayibarii hubannoo namtolchee, bu’uuraalee misoomaa murteessoo fi dhaabbilee ilaalchisee qophii fi dandeettii ittisaa guddisuun ajandaawwan ijoo ji’a kanaa ta’uu dubbataniiru.
#Mootummaa_Ida’amuu
Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase