Tarsiimoon Waldaa Hojii Gamtaa ce’umsa diinagdee keessatti qooda olaanaa qaba- Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Tarsiimoon Waldaa Hojii Gamtaa ce’umsa diinagdee dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan.

Waltajjiin Tarsiimoofi karoora waldaa hojii gamtaa beeksisuu gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarratti Ministira Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaafi Komishinara Komishinii Waldaalee Hojii Gamtaa Geetinnat Taaddasaa dabalatee qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.

Obbo Addisuu Araggaan wayita kana tarsiimoon kun oomishaafi oomishtummaa guddisuun ce’umsa diinagdee gama maraa dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Kana malees walitti hidhamiinsa baadiyyaafi magaalaa cimsuuf, jiruufi jireenya qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa jijjiiruuf, dandeettii daldala alaa guddisuufi carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa qabaachuu eeraniiru.

Tarsiimoon kun waggoottan 10 dhufanitti hojiirra kan oolu yoo ta’u, hojimaataafi dorgomtummaa waldaalee hojii gamtaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka dandessisu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment