Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleen Idil Addunyaa maal jedhan?

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa diinagdee jabaa ijaaran shan keessaa tokko ta’uu ishee miidiyaaleen Idil Addunyaa adda addaa gabaasaa jiru.
 
Mootummaan Ida’amuu guddina dinagdee biyyaalessaa saffisiisuuf, hanqinoota caasaa dinagdee sirreessuuf, akkasumas birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf hojiiwwan fooyya’iinsa dinagdee mandhalee hedduu raawwateera.
 
Daandiin diinagdee mootummaan hordofaa jiru tumsa damee dhuunfaa fi mootummaa yoo ta’u, addatti utubaalee shanan irratti kan xiyyeeffateedha.
 
Dameen Qonnaa, Indaastirii, Turizimii, Albuudaa fi Diijitaalli isaan ijoodha.
 
Hojiileen dameewwan kanneen hojjetaman wabii nyaataa mirkaneessurra darbee Itiyoophiyaan guddina diinagdee Afrikaa isa guddaa akka galmeessitu dandeessiseera.
 
Miidiyaaleen idil addunyaas Qorannoolee fi ragaalee lakkoofsa gaggeeffame bu’uura godhachuun guddina dinagdee Itiyoophiyaan galmeessiteef uwwisa beekamtii kennaa jiru.
 
Barruun Biiznasii ‘Bloomberg’ akka gabaasetti, bara Faranjootaa 2025/26 keessa Guddinni Diinagdee Itiyoophiyaa Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 10.7 caaleera.
 
Kanaanis Afrikaarraa biyyoota diinagdee guddaa qaban 5ffaa ta’uu ishee fi biyyoota Saharaa gadii keessaa ammoo 3ffaa ta’uu ishee gabaase.
 
‘Business Insider Africa’ n gama isaan, Itiyoophiyaan oomisha waliigalaa biyya keessaa gama Ministeera Misoomaa fi Pilaaniin ifoomsuu gabaase.
 
Oomishni waliigalaa biyya keessaa Baatii Sadaasaa Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 10.7 yookaa Birrii Tiriiliyoona 31.86 qaqqabuu ibse.
 
Kan bara baajataa darbeerraa % 59.2 guddina agarsiisuu gabaase.
 
Afrikaan Kibbaa, Ijipti, Aljeeriyaa fi Naayijeeriyaan sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa qabachuu isaanii gabaase.
 
CGTN, Reuters, AFP, CMN fi Busines Daily’n guddina diinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee uwwisa guddaa kennuun gabaasaniiru.
 
Miikiyaas Ayyalaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment