Uummanni Oromoo sirna bareedaa uummanni addunyaan ittiin boonu gadaa addunyaaf gumaache -Aadde Jamiilaa Simbiruu

Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) –Uummanni Oromoo sirna bareedaa uummanni addunyaan ittiin boonu sirna gadaa addunyaaf gumaache jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruun.

Sirni eegalchiisa agarsiisa feestivaala aadaa Goobeefi Shinooyyee bara kanaa Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaafi Hoggantuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon, akkasumas Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee bakka argamanitti Finfinneetti Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jira.

Aadde Jamiilaa Simburuu wayita kana, Feestivaala kana barii marii biyyaalessaa kabajamuun adda isa taasisa jedhan.

Uummanni Oromoo sirna bareedaa uummanni addunyaan ittiin boonu sirna Gadaa addunyaaf gumaachuus ibsan.

Mootummaan haaromsa aadaa gaggeessuun aadaa uummata Oromoo kabaja isaaf malurraan gahuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiras jedhan.

Mootummaan jijjiiramaa Giddugaloota aadaa babal’isuufi iddoowwan jilaa haaromsuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Hojiin aadaafi duudhaa Oromoo cimsuu cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment