Waardiyyaa Dachee fi Qilleensaa…

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC)- Birmadummaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu, raayyaa ittisaa cimaa teeknooloojii jabanaa hidhate, tooftaa waraanaan gahoomee fi Raayyaa nageenya ummataa ijaaruun yoo danda’ameedha.

Mootummaan Ida’amuu Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee dhaabbilee nageenyaa gaachana ta’an dhalootaaf dabarsuuf teeknooloojii ammayyaa hidhachiisuun gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa tureera.

Haaluma kanaan Raayyaan Ittisa Biyyaa Ajaja Duula Addaa, Humna Qilleensaa, Mekaanaayizdii, Elektirooniiki Waarfoorsi fi Humnoota Saayibariif dursa kennuun hojiilee riifoormii bu’aa qabeessi hojjetamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad barbaachisummaa Riifoormii loltummaa yeroo ibsan, Raayyaan Ittisa Biyyaa Humnoota Itiyoophiyaa diiguuf yaadaniif akka abbootii keenyaa biyyattii itti fufsiisuuf dandeettiin kan itti uumamuudha jedhan.

Mul’anni kun har’a hojiitti hiikamee raayyaan teeknooloojii hidhate Itiyoophiyaarra darbee naannawichaaf gahu ijaaruun danda’ameera.

Raayyicha meeshaalee waraanaa ammayyaa, teeknooloojii, Barnootaa fi leenjiin gahoomuun wayita ammaa Itiyoophiyaarra darbee naannawichatti humna hin raafamne ta’eera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa dachee fi samiirratti meeshaa ammayyaa hidhachuun ,teeknooloojii dirooniin sochii diinotaa dursee ittisuu fi odeeffannoo walitti qabuun gahuumsa olaanaa ijaareera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa teeknooloojii ammayyaa sadarkaa olaanaan kan hidhatee fi sirnaan kan itti fayyadamuu ta’uu isaan tooftaa waraanaa guutuumaan guutuutti jijjiiruun olaantummaa tarsimawaa gonfateera.

Dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa Saayinsii Loltummaa ammayyaa, teeknooloojii fi hidhannoo ammayyeessuun soda keessaa fi alaa jalqabarraa fashaleessuun olka’iinsa tarsimawaa irra qaqqabuu firriis ormis sirnaan hubateera.

Sossinnaa Alamaayyootiin.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment