Waggoottan darban qormaatiilee gara carraatti jijiiruun bu’aan olaanaan galmaa’e – Dooktar Nagaash Wageeshoo

Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Waggoottan darban qormaatiilee gara carraatti jijjiiruun dameelee hundaan bu’aaleen olaanoon galmaa’aniiru jedhan Pireezidaantiin Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon.

Waltajjiin marii uummataa ‘’labsiiwwan Gubaa: injifannoowwan mootummaa ida’amuu” jedhuu bakka Hoggantoonni olaanoo Mootummaa federaalaa, Naannoo Hararii, hawaasni magaalaa fi Baaddiyaa naannawaa Magaalaa Hararii argamanitti gaggeeffameera.

Dooktar Nagaash Wageeshoon waltajjiicharratti, marichi milkaa’inoota Mootummaan Ida’amuu waggoottan darban itti fufsiisuu fi rakkoolee mudatan maksuufi jedhan.

Akkasumas Ummataa fi Mootummaa gidduu wal amantaan akka guddatuufi dandeettiin raawwachuu mootummaa akka saffisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Waltajjichi gaaffii ummataa deebisuufi hirmaannaa hawaasaa guddisuuf gargaaras jedhan.

Waggoottan darban rakkoolee biyyatti hundeerraa maksuuf bal’inaan hojjetamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan qormaatiilee gara carraatti jijjiiiruun qonna, Indaastirii, Teeknooloojii,Tuurizimii fi Misooma magaalaa dabalatee dameelee garaagaraan bu’aaleen galmaa’aniiru jedhan.

Mootummaan gaaffiin karra galaanaa deebii akka argatuuf hojiileen hojjetee ajandichi sadarkaa idil addunyaatti fudhatama akka argatu taasisuus eeraniiru.

Kanaanis bu’aan dippiloomaasii heddu galmaa’uu kaasaniiru.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Comments (0)
Add Comment