Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC) – Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa abdii ifaa biyyattiif kan fidu dha jedhan jiraattonni Magaalaa Finfinnee.
Jiraataan magaalattii Obbo Jilaaluu Ahimad, yaada Faanaa Diijitaaliif kennaniin, adeemsi marii kun badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Obbo Tewodiroos Balay gamasaaniin, adeemsi Waltajjii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa rakkoolee biyyattiin keessa jirtu keessaa akka baatu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, mariin biyyaalessaa dhaloota dhufuuf Itiyoophiyaa wayyitu dabarsuuf furmaata guddaa ta’uu kaasaniiru.
Obbo Makonnin Tashoomaas gamasaaniin, Mariin Biyyaalessaa lammiilee Itiyoophiyaa hunda hirmaachisuu isaatiin imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan eegalte itti fufsiisuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Aadde Mulugoojjaam Indaallees, mariin kun nagaa fiduun waraana akka hambisu guutummaatti kan amanan ta’uu dubbataniiru.
Aadde Askaaluu Adinaaw immoo, Mariin Biyyaalessaa ijoollee keenyaaf nageenya, jaalalaafi walii galtee kan itti barsiifnu ta’uu ibsaniiru.
Walumaagalatti, Waltajjiin Marii Biyyaalessaa dhimmoota misoomaaf gufuu ta’an hiikuun badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf akka gargaaru jiraattonni kunneen ibsaniiru.
Abrahaam Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia