Finfinnee, Sadaasa 13, 2019 (FMC) -Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa kiiloo meetira 10 marsaa 26ffaan hirmaattoota hedduun dabaalamee gaggeeffameera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticha wayita eegalchiisan fiigichichi Finfinneef miidhagina haaraa fi simboo dabalataa taati jedhan.
Daandiiwwan ammayyaa, iddoowwan magariisummaa fi bu’uuraalee misoomaa fooyya’an, hirmaattota kuma 60 halluuwwan Itiyoophiyaan miidhaganii, jaalalaa fi tokkummaan walitti hidhamanii, waltajjii bareedina haaraa uumeera jedhan ergaa fuula hawaasummaa isaaniin.
Kunis taatee guddaa bareedina haaraa fi jijjiirama magaalaa keenyaa addunyaatti agarsiise ta’eera jechuun ibsan.
Walummaan miidhagina, tokkummaan humna keenya jedhan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddaa #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa