Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii 5ffaa Fayyaa Uummataa Afrikaa ni keessummeessiti.
Yaa’iin Sadaasa 14- 18, 2019 Giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti gaggeeffama.
Waltajjii ardii guddaa kana irratti biyyoota 100 ol irraa bakka bu’oonni kuma 30 ol ta’an akka hirmaatan ni eegama.
Yaa’iin kun tumsa Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkubootaa Afrikaa (Africa CDC) fi Mootummaa Itiyoophiyaatiin kan qophaa’uudha.
Yaa’iin waggaa waggaan gaggeeffamu kun hoggantoota siyaasaa Afrikaa, qopheessitoota imaammataa, ogeessota fayyaa uummataa, saayintistoota, michoota misoomaa, bakka bu’oota damee dhuunfaa fi sochii hawaasaa irratti bobba’an waltajjii tokko irratti walitti fiduun dhimmoota fayyaa ardichaa irratti mari’achuuf carraa uuma.
Akkasumas, beekumsa saayinsii waliif qooduu, kalaqaalee fi furmaatawwan haaraa beeksisuu akkasumas ajandaalee fayyaa Afrikaa keessatti dursa kennamuuf qabu irratti ni mari’atama.
Dabalataanis, tumsa biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuu, qorannoo saayinsii guddisuu fi sirna fayyaa dandamachuu danda’u, dandeettii ofii irratti hundaa’ee ijaarame dagaagsuuf furmaata Afrikaa durfatu jabeessuuf carraa bal’aa uuma.
Yaa’iin bara 2021tti Gamtaa Afrikaa (AU) fi Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (Africa CDC) waliin ta’uun karaa interneetii kan jalqabame yoo ta’u, yeroo ammaa marii fi tumsa dhimma fayyaa uummataa ardii Afrikaa irratti taasifamuuf waltajjii ijoo ta’ee tajaajilaa jira.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa yaa’icha ilaalchisee dabarsaniin hirmaattota Afrikaa fi idil addunyaa gara Finfinnee dhufan baga nagaan dhuftanii dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’icha keessummeessuuf guutummaatti qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Dooktar Abiy dabalataniis yaa’iin kun biyyoonni Afrikaa beekumsa isaanii walitti fiduu, tumsa isaanii cimsuu fi egeree fayya qabeessa, dandamachuu danda’u akkasumas dandeettii ofii irratti hundaa’e ijaaruuf carraa murteessaa akka uumu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan waltajjii ardii guddaa kana keessummeessuun ishee kan ishee boonsuu ta’uus ibsaniiru.
Dooktar Abiy, hoggantoota, ogeessota kalaqaa, qorattootaa fi michoota misoomaa Afrikaa fi addunyaa irraa dhufan simachuuf hawwii guddaan eegaa jiraachuu eergaa isaaniin eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa