Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Pireezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadlii Hasan bara baajataa 2018’tti warqeen kiiloogiraamni kuma 8 fi 900 ol Baankii Biyyaalessaaf dhiyaateera jedhan.
Manni Maree Naannichaa yaa’ii idilee 5ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Pireezidaantiin naannichaa obbo Ashaadlii Hasan wayita gabaasa raawwii bara baajataa xumuramee dhiyeessan, bara baajatichaatti hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii hojjetaman bu’aa qabeessa akka turan ibsan.
Damee qonnaa ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf hojiileen hojjetaman sadarkaa maatiitti wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuufi dandeettii diinagdee guddisuu kaasaniiru.
Bara baajataa xumurametti naannichatti oomishni kuntaalli miiliyoonni 55 ol argamuu yaadachiisanii, qonni mekaanaayizeeshinii hojiirra ooluun oomishtummaa guddisuu ibsan.
Mootummaan damee albuudaaf xiyyeeffannoo kennuun isaa naannichaaf mmadda diinagdee dabalataa ta’uurra darbee carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa bahachaa akka jiru eeraniiru.
Bara baajatichaatti damichi seeraan akka hogganamu gochuun fi oomishtoota albuudaa xixiqqaa gara hojiitti galchuun warqeen kiiloograamni kumni 8 fi 900 ol Baankii Biyyaalessaaf dhiyaachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia