Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) – Mootummaan damee ogaartiif xiyyeeffannaa addaa kennuun hojii wiirtuulee ogaartii ammayyeessuu fi baballisuu cimsee itti fufa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota hawaasa ogaartii naannoolee hundarraa walitti baba’an Maree geggeessaniin wiirtuulee ogaartii ammayyeessuufi baballisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu dubbataniiru.
Yaadama dhaabbileen Itiyoophiyaa yeroo kamiyyuu ijaaraman miidhaganii fi jabaatanii ce’uu qabu jedhuun wiirtuutuulee ogaartii yeroo addaa addaatti ijaaraman haaromsuun ballinaan hojjetamuus kaasaniiru.
Wiirtuulee dullooman haaromsuu biras darbee naannoon isaanii miidhaguu akka qaban kaasanii, dowwii Meeggaa Amfii naannawa isaa dabalatee investimentii guddaan miidhagfame akka fakkeenyaatti hubachiisan.
Wiirtuulee duraan turan diiguun gamoowwan gurguddaa ijaaruu caalaa dudhaalee seenaa Wiirtuulee kanneeniif xiyyeeffannaa kennuun bakkuma jiranitti miidhagfamaniirus jedhan.
Dhaabbilee ogaartii duraan turan haaromsuu qofti ga’aa waan hintaaneef Wiirtuulee konfiransii akka Godambaa Addaa, akkasumas paarkota naannoolee biyyattii adda addaatti ijaaraman keessatti galmawwan dowwii fi siniimaa akka hammataman ta’uus ibsaniiru.
Dameen ogaartii callifamee bira hindarbamne kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Wiirtuulee magaalaa Finfinnee fi bakka adda addaatti ijaaraman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ta’us hojiiwwan hojjataman ga’aa waan hintaaneef sadarkaa guddinaa fi dammaqina biyyaa wajjin guddachaa akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Adeemsa kanaan akkuma dameewwan biroo hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa tahuu Ministirri Muummee hubachiisaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo