Wiirtuuwwan Haaromsaa Hidhattoota naannoo Tigiraay keessa socho’aa turaniif qophaa’an

Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) — Hidhattoonni Naannoo Tigraay keessa socho’aa turan hidhannoo isaanii Raayyaa Ittisaa naannoo isaaniitti argamutti kennuun wiirtuuwwan haaromsaa qophaa’aniif akka galan Komiishijiin Haaromsaa Biyyaalessaa waamicha dhiyeesseera.

Haaluma kanaan wiirtuuwwan hidhattoota kanneeniif qophaa’an kanatti aananii dhiyaataniiru:

👉 Hidhattoonni fi hoggantoonni duraanii godina Kibbaatti argaman – magaalota Maayicawuu fi Mahoniitti

👉 Maq’alee dabalatee godina Kibba Bahaatti kan argaman – Qajeelcha Waliigalaa Ajaja Kaabaa Magaalaa Maq’aleetti argamutti

👉 Godina Bahaa naannoo Addigiraat kan jiran – magaalota Addigiraat fi Wuqirootti

👉 Godina Giddugaleessaa magaalota Aksuum, Adwaa, Abiyu’adiitti kan argaman – magaalota Aksuum, Adwaa fi Abiyu’adiitti

👉 Hidhattoonni Godina Kaaba Dhihaa jiran – Qajeelcha Waliigalaa Ajaja Giddugaleessaa duraanii magaalaa Shireetti argamutti gabaasa gochuu akka danda’an waamichi dhiyaateera.

#Ethiopia #MootummaaIdaamuu

Comments (0)
Add Comment