Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture Kutaa Baha Raashiyaa bulchiinsa Amuuritti Raadaariin ala ta’uun dhagahame.
Xiyyaarri achi buuteen isaa dhabame kun daa’immaan 5 dabalatee imaltoota 43 fi hojjettoota balallii 6 fe’ee imalaa turuu Bulchaan Amuur Vaaslii Oorloov himaniiru.
Xiyyaarri Antoonoov AN – 24 jedhamu kun Bulchiinsa Amuuri ka’uun karaa Bilaagoovishicheesikiin gara Tiiyindaatti imalaa turuu BBCn gabaaseera.
Yeroo ammaa lubbuu baraartoonni xiyyaaricha barbaadaa jiraachuu himame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.