Yaadama Ida’amuu – Bu’uura Olka’iinsa Biyyaa

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Akka saayinsii siyaasaa fi dinagdeetti, Ida’amuun qabeenya, humna namaa, beekumsa, dhaabbilee fi carraa jiru walitti fiduun bu’aa waloo tokko uumuu dha.

Ida’amuun “walitti dhufuu” ykn “tokkummaa” dha; kaayyoon isaa humnoota adda addaa walitti fiduun badhaadhina fi nageenyaaf hojjechuu dha.

Yaadamni Ida’amuu kun qabeenya, beekumsa xabboo fi ammayyaa, carraawwan guddinaa akka biyyaa, naannawaa fi addunyaatti jiran walitti qindeessuun guddina biyyattii mirkaneessuuf itti hojjetamaa jira.

Mootummaa Ida’amuun yaadamni hogganamee hojiitti hiikamaa jiru kun bu’aalee qabatamoo galmeessaa jira.

Bu’aalee kaneen keessaa tokko humna waloo ta’uu isaa ti.

Biyyi tokko qabeenya uumamaa qabaachuu qofaaan hin guddattu. Qabeenya sana beekumsa, humna namaa, kaappitaala, teeknooloojii fi dhaabbilee cimaa waliin walitti fiduun bu’aa dinagdee uuma.

Fakkeenyaaf Qonna indaastiriin, geejjibni, faayinaansii fi gabaan walitti hidhamuun, oomishni qonnaa gara oomisha waarshaa, hojii fi galii biyyaatti jijjiiru.

Karoorri Guddinaa fi Fooyya’iinsa Dinagdee Itiyoophiyaas oomishtummaa, dorgommummaa fi walitti hidhamiinsa dameewwanii cimsuu irratti xiyyeeffachuun yaadama kana jalatti hogganamee bu’aalee qabatamoo fidaa jira.

Yaafamni Ida’amuu shoorri inni nageenya fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuu keessatti qabu guddaa dha.

Olaantummaa fi guddinni dinagdee itti fufiinsa kan qabaatu nageenyi fi tasgabbiin yoo mirkanaa’ee dha.

Yaadama Ida’amuu jalatti garaagarummaan hawaasaa, naannolee fi gareewwan adda addaa akka madda walitti bu’iinsaa qofatti osoo hin taane, humna biyyaaf ooluu fi guddina biyyaa dhugoomsu ta’ee fudhatama.

Hawaasni aadaa, dudhaa, beekumsa, ilaalchaa fi qabeenya adda addaa qabu walitti dhufeenyaa fi waliigaltee uumuun humna guddina dinagdee biyyaa ta’ee tajaajila. Kan mootummaa Ida’amuun hojiirra akka ooluuf murannoon irratti hojjetamaa jirus kanuma.

Yaadama Ida’amuun qabeenyi akka biyyaatti jiru walitti dhufee gara bu’aa walootti jijjiirama.

Qabeenyi uumamaafi kaappitaalli humna namaan masakamee hojiirra oole inveestimeentii ta’a.

Beekumsi ammoo yoo teeknooloojiin deggaramee waan biyya fayyadu kalaqa.

Humna namaa fi leenjiin walitti ida’amee oomishtummaa guddisa.

Qonnafi industiriin sona dabalataa fiduun oomisha qulqullina qabu gabaa biyya keessaa fi gabaa Afrikaa darbee kan addunyaa keessatti carraa daldalaa bal’aa miijessa.

Mootummaan Itiyoophiyaa daldala naannoo fi addunyaa walitti hidhuun invastimantii fi carraa hojiin uumamee guddina biyyaaf akka gumaachuuf cimsee hojjetaa jira.

Gama biraan yaadamni Ida’amuu rakkoo guddaa akka biyyaatti mudatu humna walootiin furuuf bu’uura cimaa ta’ee gargaara.

Rakkooleen akka hoji-dhabummaa, hiyyummaa, hanqina oomishaa, bu’uuraalee misoomaa fi jijjiirama qilleensaa qaama tokkoon furamuu hin danda’an. Mootummaa, damee dhuunfaa, yunivarsiitiiwwan, hawaasa, ogeessota fi michoota misoomaa walitti fiduun furmaata bal’aa uumuu barbaachisa.

Kanaaf, Ida’amuu jechuun “namoonni hundi waan tokko qofa haa yaadan” jechuu osoo hintaane garaagarummaan jiru kabajamee kaayyoo biyyaalessaa irratti humna walitti fiduun biyya ceesisuu jechuu dha.

kanaaf yaadamni Ida’amuun hogganamuun tokkummaa fi waliigalteen biyyaalessaa uumamee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun, darbees qaabeenya fi beekumsa biyyaa walitti fidee omishtummaa fi invastimantii guddisuun carraa hojii umuu fi galii guddisuun, tajaajilli hawaasaa akka fooyya’u, olka’iinsi biyyaas akka lafa qabatuuf kaayyoo waloo irratti wal qindeessuun, humna jiru gara oomishtummaa, nageenya, kalaqa, invastimantii fi badhaadhinaatti jijjiiruuf hojjechuun barbaachisaa dha.

Kanaan ala olka’iinsa biyyaa yaaduun ulfaataa dha.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment