Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Fiinlaandi waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP – 31 cinatti Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaab waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, ergaa dabarsaniin, Yaa’ii COP -31 cinatti Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaab waliin mari’aneerra jedhan.

‎Walga’ii gamlamee kanaan dura Yaa’ii Biyyoota Garee 20 (G 20) irratti taasifamaniifi hojiirra oolmaa isaanirratti mari’achuu ibsaniiru.

‎Dhimmoota ijoo nageenyaa fi tasgabbii idil addunyaa, haalota jijjiiramoo naannawaa fi fedhiiwwan waloorrattti mari’achuus kaasaniiru,.

‎Kunis deeggarsa Fiinlaandi Pireezidaantummaa Itiyoophiyaa COP- 32 ‘f qabdu dabalatee, dameelee waliigalteen waloo irra gahame caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon addaa kan itti kenname ta’uu himaniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment