Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Pirojektiin Ikoo Tuurizimii Wancii-Dandi hawwata turizimii guddaa ta’uu qofa osoo hin taane, faayidaa dinagdee lammiilee mirkaneessaa jira.
Waggoota muraasaa asitti xiyyeeffannaa damee turizimiitiif kennameen hojiilee hedduu hojjetamaa jiru.
Yaadama Ida’amuu Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktar Abiy Ahimad bocaniin hojiileen rakkoo ummataafi biyyaa furuun guddina biyyattii sadarkaa tokkoo fuulduratti tarkaanfachiisan hedduun hojjetamaniiru.
Yaadama “Maaddiin Biyyaaf” jedhuunis misoomawwan hedduun hojjetamanii hawwatummaa biyyattii dabaluurra darbee lammilee hedduuf carraa hojii bananiiru.
Ida’amuu jechuun dhaabbileen dhuunfaa, mootummaa, uumamaafi hojiin kaleessaa yommuu walitti dabalamu bu’aa jiruudha.
Finfinneerraa Kiiloomeetira 150 fagaatee kan argamu Wanciin qixa galaanarraa meetira kuma 3 fi 380 irratti argama.
Haroo fi Bishaan ho’aa dabalatee qabeenya uumamaa daran hawwataa ta’an kan qabu yoo ta’u, bakka hawwata Tuurizimii raajidha.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti kan argamu yoo ta’u, Piroojektii naannawichaaf Siimboo addaa ta’eedha.
Qaama Piroojektii Maaddiin Biyyaaf kan ta’e Piroojektiin Wancii – Dandii Amajjii 4, 2016 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun hojii eegale.
Dargaggoonni 560 waldaalee 22 gurmaa’uun bakkichatti carraa hojii argataniiru.
Dhaabbata Tuuriizimii Addunyaa irraa beekamtii Ganda Tuuriizimii Filatamaa” jedhu kan argateefi uumamaan bakka faayamedha.
Mandarri Ikkoo-turizimii Wancii-daandii kun naannawaa uumama ajaa’iba, seenaa, hambaa fi Aadaa bakka tokkotti qabatedha.
Riqichi meetira 72 fi manni barnootaa, Ibsaa daandiirraa KM 35 ta’u diriirfameera.
Atileetotaaf tiraakii fiigicha dheeraa, Kaafteeriyaa, manneen nyaataa aadaafi bakka bashannanaa qarqara haroorraa qaba.
Yaadamni ida’amuu qabatamaan kan itti mul’ate Piroojektiin Ikkoo Tuurizimii Wancii – Dandiin qabeenya uumamaa naannawaa ogummaa addaa fi siimboo hawwatuumaa dabaluun ijaarsa diinagdee biyyattii keessatti gumaachuu taasisuu eegaleera.
Abeel Nawaayin
#Oromia #Ethiopia