Yaa’ii Afrikaa fi Faransaayi gidduutti boqonnaa haaraa bane…

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Yaa’iin foorwaardi Afrikaa hariiroo Faransaayii fi Afrikaa caalmaatti cimsuuf gahee olaanaa qaba.

Yaa’ii Afrikaa fi Faransaayi gidduutti tumsa haaraa uumuurratti xiyyeeffateedha.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa, dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin qabeenyaa, abbootiin kalaqaa fi tumsitoonni misoomaa walgahuun haala misooma Afrikaa waaressuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ce’umsa annisaa, Indaastirii magariisaa, ce’umsa diijitaalaa, Hubannoo namtolchee, wabii midhaan nyaataa, fayyaa, misooma qonnaa, bu’uraalee misoomaa, kalaqaa fi guddina diinagdeerratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon waloon qopheessan kanarratti argamuun muuxannoo Itiyoophiyaa qoodaniiru.

Keessattuu misooma Indaastirii Magariisaa fi ce’umsa anniisaa ilaalchisee waltajjicharratti muuxannoo magaaloota keenyaa kaaseera jedhan.

Faransaay Afrikaatti Invastii gochuu qofa osoo hin taane abbootiin qabeenyaa Afrikaa Faransaayitti Invastii akka godhan fedhii olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon ibsaniiru.

Pireezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon Invastimantii waliigalaa Yuuroo biiliyoona 23 Afrikaa keessatti hojjechuuf ta’uu ifoomsaniiru.

Kanaanis lammiilee kuma 200 fi kuma 50 ol ta’aniif kallattiin carraa hojii kan uuman ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment